Macaafni Qulqulluun Obsa Ilaalchisee Maal Jedha? — Jireenya Keessatti Hojiirra Oolchuu · Caqasoota KJV Lakkoofsota Strong'iin — Qormaata Kitaaba Qulqulluu Wabiiwwan armaan gadii keessaa tokkoo tokkoof, waan caqasni sun barsiisu filadhu. Qabxiin kee dhuma irratti ni argama.
Kun qormaata qabxiin madaalamudha. Waraqaa Ragaa Mirkaneessaa Tajaajilaa kee argachuuf isa darbi.
Roomaa 15:4 — Nu akka obsaa fi ________ Katabbiiwwan Qulqulluun kennaniin abdii qabaannuuf wanti duraan barreeffame hundi barumsa keenyaaf barreeffameetii.
filataman
dhiphina
jajjabina
Roomaa 15:5 — Waaqni obsaa fi ________ namaa kennu sun akka isin yaaduma Kiristoos Yesuus qabaate sana walii qabaattan isin haa gargaaru.
filataman
dirqama
jajjabina
Yaaqoob 1:2 — Yaa obboloota ko, yommuu qorumsi adda addaa isin irra gaʼutti akka ________ guutuutti fudhadhaa;
gammachuu
dhiphina
obsaan
Yaaqoob 1:3 — ________ keessan qoramuun isaa akka obsa isiniif argamsiisu beektuutii.
wangeela
amantiin
Hafuura
Yaaqoob 1:4 — Akka isin bilchaatoo fi ________, warra hirʼina tokko iyyuu hin qabne taataniif obsi hojii isaa haa raawwatu.
guutuu
warqee
addunyaa
2 Phexros 1:5-6 — Sababuma kanaaf amantii keessan irratti gaarummaa, gaarummaa irrattis ________ dabalachuuf waan isinii dandaʼame hunda godhaa;
jalqabaa
wayya
beekumsa
Luqaas 8:15 — Sanyiin biyyoo ________ irraa garuu warra garaa tolaa fi gaariidhaan dubbicha dhagaʼanii jabeessanii qabatanii obsaan ija naqatan argisiisa.
gaarii
xinnaa
argite
Isaayyaas 64:4 — Si malee Waaqa warra isa abdataniif dhaabatu, bara duriitii jalqabee namni tokko iyyuu hin dhageenye; yookaan gurri tokko iyyuu hin qalbeeffanne; ________ tokko iyyuu hin argine.
cubbuu
tolche
iji
Faarfannaa 40:1 — Ani ________ Waaqayyoon nan eeggadhe; innis gara kootti garagalee iyya koo naa dhagaʼe.
qaanii
yaadannoo
obsaan
Faaruu 3:25 — Waaqayyo warra isa abdataniif, kanneen isa ________ gaarii dha;
amanatu
facaasu
barbaadaniif
Faaruu 3:27 — Yeroo dargaggummaa isaatti ________ baachuun namaaf gaarii dha.
waanjoo
garbittii
diina
Luqaas 21:19 — Isin ________ dhaabadhaa; yoos lubbuu keessan ni oolfattu.
beektaniif
galateeffachaa
jabaadhaa
Qolosaayis 3:12 — Kanaafuu isin akkuma warra Waaqaaf filatamanii qulqullaaʼanii fi jaallatamaniitti, gara laafummaa, arjummaa, gad of qabiisa, ________ fi obsa qabaadhaa.
garraamummaa
jijjiirrannaa
garummaa
Efesoon 4:1 — Kanaafuu ani kan Gooftaaf jedhee hidhame, isin waamicha itti waamamtan sanaaf akka malutti akka ________ isin nan kadhadha.
jiraattan
kadhannaa
qulqulloota
Efesoon 4:2 — Guutumaan guutuutti gad of qabaa; garraamota taʼaa; ________ qabaadhaa; jaalalaanis wal dandaʼaa.
waame
hafuuraa
obsa
Qolosaayis 1:11 — isinis jajjabinaa fi obsa guddaa akka qabaattaniif, akkuma aangoo isaa ________ qabeessa sanaatti humna hundaan jabaachaa, gammadaas
ulfina
cubbuu
amanamaa
Galaatiyaa 5:22 — Iji Hafuuraa garuu jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, arjummaa, gaarummaa, ________
ajajamuu
garraamummaa
amanamummaa
1 Tasaloniiqee 5:14 — Yaa obboloota, nu akka isin warra hojii hojjechuu hin jaallanne akeekkachiiftan, sodaattota jajjabeessitan, ________ gargaartan, akka nama hundumaafis obsitan isin gorsina.
barbaaduuf
dadhaboo
cuuphaa
Faarfannaa 37:7 — Waaqayyo duratti calʼisi; obsaanis isa eeggadhu; nama karaan isaa qajeeleefitti, kan hammina ________ hin hinaafin.
margi
hojjetuttis
eeggatti
Fakkeenya 16:32 — ________ waraanaa irra nama obsa qabu, nama magaalaa tokko boojiʼee fudhatu irra kan of qabu wayya.
Goota
dukkanni
kadhatan
Lallaba 7:8 — Jalqaba waan tokkoo irra ________ isaa wayya; of tuuluu irras obsa wayya.
dhuma
murtii
dafee
Yaaqoob 5:7 — Kanaafuu yaa obboloota, hamma ________ Gooftaatti obsaa. Qonnaan bulaan tokko lafa irraa midhaan gaarii argachuuf hammam akka eeggatu, bokkaa duraatii fi kan dhumaa hamma argattuttis hammam akka obsu hubadhaa.
dhufaatii
waanjoo
dadhabbii
Yaaqoob 5:8 — Isinis akkasuma obsaa; ________ dhaabadhaas; dhufaatiin Gooftaa dhiʼaateeraatii.
cubbamaa
dhiphina
jabaadhaa
Ibroota 12:1 — Kanaafuu nu waan dhuga baatota akka duumessa guddaa akkanaatiin marfamneef kottaa baʼaa hunda, cubbuu xaxee nu qabates of irraa baafnee gannaa; dorgommii fuula keenya dura jirus ________ jabaannee fiignaa;
dhiphina
kaʼuu
obsaan
Ibroota 12:2 — kottaa Yesuus isa jalqabaa fi fiixaan baasaa amantii keenyaa taʼe sana irra ija keenya kaaʼannaa. Innis ________ fuula isaa dura jiruuf jedhee qaanii fannoo tuffachuun fannoo obsee mirga teessoo Waaqaa taaʼe.
jaalala
gammachuu
dhiphina
Ibroota 12:3 — Isin akka dadhabdanii abdii hin kutanneef isa mormii ________ isa irra gaʼe akkasii obse sana yaadatti qabadhaa.
Katabbiiwwan
haadhota
cubbamoota
Ibroota 10:36 — Yommuu ________ Waaqaa raawwattanittis akka waan inni waadaa gale sana argattaniif obsuu isin barbaachisaatii.
nagaa
baraa
fedhii
2 Xiimotewos 2:3 — Atis akkuma loltuu ________ kan Kiristoos Yesuusiitti nu wajjin dhiphadhu.
jabaa
haaraa
duʼan
2 Xiimotewos 2:4 — Namni loltummaan tajaajilu kam iyyuu ajajaa isaa gammachiisuu yaala malee ________ jireenyaatiin of hin xaxu.
dhimma
dhaaba
dhiisu
Bu'aa Kee Qoodi Liinkiin waraabameera Qorannoo Itti Fufi →
Qorannoon kun si gargaareeraa? Ragaa gabaabaa ykn ragaa kee guutuu qooddu — seenaan kee nama biraa marsariitii kana argachuuf gargaara.
← Gara Qorannootti Deebi'i