Wabiiwwan armaan gadii keessaa tokkoo tokkoof, waan caqasni sun barsiisu filadhu. Qabxiin kee dhuma irratti ni argama.
Kun qormaata qabxiin madaalamudha. Waraqaa Ragaa Mirkaneessaa Tajaajilaa kee argachuuf isa darbi.
Maatewos 9:27 — Yesuus utuu ________ kaʼee deemaa jiruu, jaamonni lama isa duukaa buʼanii, “Yaa Ilma Daawit nu maari!” jedhanii iyyan.
amantii
kennaa
achii
Maatewos 15:22 — Kunoo, dubartiin ________ tokko naannoo sanaa gara isaa dhuftee iyyaa, “Yaa Gooftaa, yaa Ilma Daawit, intalli koo hafuura hamaadhaan qabamtee akka malee dhiphachaa jirti; na maari!” jette.
Kanaʼaan
Samaariyaa
Efreem
Baʼuu 33:19 — Waaqayyo immoo akkana jedhe; “Ani ________ koo hundumaa fuula kee dura nan dabarsa; maqaa Waaqayyoo fuula kee duratti nan labsa. Ani kanan maaru nan maara; kanan garaa laafuufiis garaa nan laafa.
hiikkaa
guddina
gaarummaa
Lakkoobsa 6:24 — “‘ “Waaqayyo si haa ________; si haa eegus;
dhiqatu
eebbisu
qulqulleessuuf
Faarfannaa 145:9 — Waaqayyo, nama hundaaf gaarii dha; inni waan ________ hundaaf garaa ni laafa.
gammadan
sodaatan
uume
Isaayyaas 49:15 — “Haati ________ ishee kan hoosiftu irraanfachuu ni dandeessii? Mucaa deesseefis garaa hin laaftuu? Yoo isheen irraanfatte iyyuu ani si hin irraanfadhu!
furtuu
adabbii
daaʼima
Ermiyaas 31:20 — Efreem ilma koo ________, mucaa ani itti gammadu mitii? Ani yeroo baayʼee yoon isaan morme iyyuu amma illee isa nan yaadadha. Kanaafuu garaan koo isaaf ni yaada; garaas nan laafaaf” jedha Waaqayyo.
jaallatamaa
tuulummaa
gargaaraa
Luqaas 15:20 — Innis kaʼee gara abbaa isaa dhaqe. “Garuu utuu inni fagoo jiruu abbaan isaa isa argee akka malee garaa laafeef; gara ilma isaattis fiigee itti marmee ________.
dhungate
qoran
amana
1 Mootota 8:23 — akkanas jedhe: “Yaa Waaqayyo Waaqa Israaʼel, Waaqni akka keetii ol samii keessa yookaan gad lafa irra hin jiru; ati garboota kee warra garaa guutuudhaan karaa kee irra deemaniif kakuu fi ________ kee kan hin geeddaramne sana ni eegda.
badiisa
amanamummaa
jaalala
Faarfannaa 89:28 — ________ koos bara baraan isaaf nan tursa; kakuun ani isa wajjin qabus hin cabu.
gaarii
cubbuu
Jaalala
Faarfannaa 89:33 — ani garuu jaalala koo isa irraa hin fudhadhu; yookaan ________ koo sobatti hin geeddaru.
sodaachisaa
hubannaa
amanamummaa
Qolosaayis 3:12 — Kanaafuu isin akkuma warra Waaqaaf filatamanii qulqullaaʼanii fi jaallatamaniitti, gara laafummaa, arjummaa, gad of qabiisa, ________ fi obsa qabaadhaa.
garraamummaa
jijjiirrannaa
garummaa
Fiiliphisiyuus 2:1 — Kanaafuu gorsa Kiristoosiin qabdan kam iyyuu taanaan, jaalalaan wal jajjabeessuu kam iyyuu taanaan, tokkummaa Hafuuraa kam iyyuu taanaan, araaraa fi gara ________ kam iyyuu taanaan
hinaaffaa
laafina
dheerina
Roomaa 12:1 — Kanaafuu yaa obboloota, akka isin dhagna keessan aarsaa jiraataa, qulqullaaʼaa fi kan Waaqa gammachiisu gootanii dhiʼeessitaniif ani gara ________ Waaqaatiin isin kadhadha; kunis waaqeffannaa keessan kan hafuuraa ti.
1 Saamuʼeel 17:47 — Namoonni asitti walitti qabaman hundi akka Waaqayyo ________ fi eeboodhaan nama hin baafne ni baru; sababii lolli kun kan Waaqayyoo taʼeef inni dabarsee harka keenyatti isin kenna.”
magaalaa
ganama
goraadee
Nahimiyaa 4:14 — Anis ergan asii fi achi ilaalee booddee ol kaʼee namoota bebeekamoodhaan, qondaaltotaa fi uummata kaaniin akkana nan jedhe; “Isin jara hin sodaatinaa. Gooftaa guddichaa fi ________ sana yaadadhaatii obboloota keessaniif, ilmaan keessaniif, intallan keessaniif, niitota keessanii fi manneen keessaniif lolaa.”